الفيل
The Elephant • 5 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee?
2Sila shira isaanii dhabama hin goonee? (godheera).
3Simbira garee gareedhaan isaanitti erge.
4Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaan darbatti.
5Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.