الهمزة
The Gossipmonger • 9 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Hamattuufi arrabsituu hundaaf badiin mirkanaa’e.
2Isa qabeenya walitti qabee lakkaa'e.
3Qabeenyi isaa isa hambisaa yaada.
4Haa dhorgamu! [Ibidda] caccabsituu keessatti darbamuuf jira.
5Caccabsituun maal akka taate maaltu si beeksise?
6(Isheen) ibidda Rabbii kan qabsiifamtuudha.
7Ishee onneewwan irratti (laalaan ishee) mul’attuudha.
8Dhugumatti, isheen isaan irratti cufamtuudha.
9Utubaalee diriirfamaa keessatti (itti cufama).