العاديات
The Chargers • 11 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
2(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
3(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
4Isaan dhukkee ol kaasanitti;
5Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
6Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
7Inni kana irratti ragaadha.
8Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
9Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
10Yeroo wanti qomoota keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
11Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.