الكافرون
The Disbelievers • 6 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Jedhi: "isin yaa warra Rabbitti kafartan!
2Ani waan isin gabbartan hin gabbaru.
3Isinis waan ani gabbaru kan gabbartan hin taane.
4Anis waan isin gabbartan (fuula duras) kan gabbaruu miti.
5Isinis waan ani gabbaru (fuula duras) kan gabbartanii miti.
6Isiniif amantiin keessan jira; anaafis amantiin kiyya jira."