الصف
The Row • 14 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.
2Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne jettu?
3Waan hin hojjanne haasa'uun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.
4Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.
5Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
6Yeroo Iisaa ilma Maryam jedhe "yaa ilmaan Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan isinitti ergameedha. kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee" (jedhe yaadadhaa). Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan.
7Nama Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu odoo gara Islaamaa waamamuu?. Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
8Ifa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu.Rabbiin ifa Isaa ni guuta Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu.
9Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha, odoo mushrikoonni jibbanuu.
10Yaa warra amantan! Mee daldala azaaba laalessaa irraa isin baraarsu irratti isin qajeelchuu?
11Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin qabsooftu, kanatu (waan hunda) isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.
12(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badiilee keessan isiniif araarama. Jannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisa. Manneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira). Kun milkii guddaadha.
13Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna) (Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedha. Mu’uminoota gammachiisi.
14Yaa warra amantan! tumsitoota Rabbii ta'aa, Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" jennaan hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san. Ilmaan Israa'iil irraa gartokkeen amananii gartokkeen kafaran. Isaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinee injifatoo ta'an.