Ash-Shu'ara

الشعراء

The Poets227 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

طسٓمٓ﴿١

1Xaa Siin Miim.

تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ﴿٢

2Tun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti.

لَعَلَّكَ بَٰخِعٞ نَّفۡسَكَ أَلَّا يَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ﴿٣

3(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama.

إِن نَّشَأۡ نُنَزِّلۡ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةٗ فَظَلَّتۡ أَعۡنَٰقُهُمۡ لَهَا خَٰضِعِينَ﴿٤

4Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormoowwan isaanii isheedhaaf gadi jedhoo taati ture.

وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن ذِكۡرٖ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ مُحۡدَثٍ إِلَّا كَانُواْ عَنۡهُ مُعۡرِضِينَ﴿٥

5gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane isa irraa garagaloo tahan malee.

فَقَدۡ كَذَّبُواْ فَسَيَأۡتِيهِمۡ أَنۢبَٰٓؤُاْ مَا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ﴿٦

6Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiru. Oduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira.

أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَمۡ أَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٖ كَرِيمٍ﴿٧

7Sila isaan gara Dachii hin ilaallee akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine?

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿٨

8Sana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii kan amanan hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿٩

9Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

وَإِذۡ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئۡتِ ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ﴿١٠

10Yeroo Gooftaan kee Muusaa waame [yaadadhu] “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee].

قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَۚ أَلَا يَتَّقُونَ﴿١١

11“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]. Sila Rabbiin hin sodaatanii?”

قَالَ رَبِّ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ﴿١٢

12[Muusaan] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.

وَيَضِيقُ صَدۡرِي وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِي فَأَرۡسِلۡ إِلَىٰ هَٰرُونَ﴿١٣

13[Yoo na sobsiisan] qomti kiyya ni dhiphata. Arrabni kiyyas hin diriiru. Kanaafuu gara Haaruunitti ergi.

وَلَهُمۡ عَلَيَّ ذَنۢبٞ فَأَخَافُ أَن يَقۡتُلُونِ﴿١٤

14Isaaniif yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”

قَالَ كَلَّاۖ فَٱذۡهَبَا بِـَٔايَٰتِنَآۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسۡتَمِعُونَ﴿١٥

15[Rabbiin] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu) Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaa, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”

فَأۡتِيَا فِرۡعَوۡنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٦

16“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.

أَنۡ أَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ﴿١٧

17“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa].

قَالَ أَلَمۡ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدٗا وَلَبِثۡتَ فِينَا مِنۡ عُمُرِكَ سِنِينَ﴿١٨

18[Fir’awni] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?

وَفَعَلۡتَ فَعۡلَتَكَ ٱلَّتِي فَعَلۡتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ﴿١٩

19Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) san hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].

قَالَ فَعَلۡتُهَآ إِذٗا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ﴿٢٠

20[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.

فَفَرَرۡتُ مِنكُمۡ لَمَّا خِفۡتُكُمۡ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكۡمٗا وَجَعَلَنِي مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿٢١

21Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyya beekumsa naaf kenne, ergamtoota irraa na godhe.

وَتِلۡكَ نِعۡمَةٞ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنۡ عَبَّدتَّ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ﴿٢٢

22Sun tola ati narratti himattuudha Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin”.

قَالَ فِرۡعَوۡنُ وَمَا رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٢٣

23Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.

قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ﴿٢٤

24[Muusaan]: “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.

قَالَ لِمَنۡ حَوۡلَهُۥٓ أَلَا تَسۡتَمِعُونَ﴿٢٥

25[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.

قَالَ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿٢٦

26[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.

قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِيٓ أُرۡسِلَ إِلَيۡكُمۡ لَمَجۡنُونٞ﴿٢٧

27[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.

قَالَ رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُمۡ تَعۡقِلُونَ﴿٢٨

28[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.

قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذۡتَ إِلَٰهًا غَيۡرِي لَأَجۡعَلَنَّكَ مِنَ ٱلۡمَسۡجُونِينَ﴿٢٩

29[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.

قَالَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكَ بِشَيۡءٖ مُّبِينٖ﴿٣٠

30[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.

قَالَ فَأۡتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ﴿٣١

31[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.

فَأَلۡقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعۡبَانٞ مُّبِينٞ﴿٣٢

32[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.

وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِيَ بَيۡضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ﴿٣٣

33Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.

قَالَ لِلۡمَلَإِ حَوۡلَهُۥٓ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٞ﴿٣٤

34[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe.

يُرِيدُ أَن يُخۡرِجَكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِۦ فَمَاذَا تَأۡمُرُونَ﴿٣٥

35“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).

قَالُوٓاْ أَرۡجِهۡ وَأَخَاهُ وَٱبۡعَثۡ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ﴿٣٦

36[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota keessatti walitti qabdoota ergi.

يَأۡتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٖ﴿٣٧

37Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”

فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ﴿٣٨

38Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.

وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلۡ أَنتُم مُّجۡتَمِعُونَ﴿٣٩

39Namootaanis ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);

لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ﴿٤٠

40Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”

فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُواْ لِفِرۡعَوۡنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجۡرًا إِن كُنَّا نَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبِينَ﴿٤١

41Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.

قَالَ نَعَمۡ وَإِنَّكُمۡ إِذٗا لَّمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ﴿٤٢

42[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe.

قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ﴿٤٣

43Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.

فَأَلۡقَوۡاْ حِبَالَهُمۡ وَعِصِيَّهُمۡ وَقَالُواْ بِعِزَّةِ فِرۡعَوۡنَ إِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبُونَ﴿٤٤

44Haadoowwaniifi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin kakannee! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.

فَأَلۡقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ﴿٤٥

45Muusaanis ulee isaa ni darbate, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.

فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ﴿٤٦

46Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan.

قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٤٧

47Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne.

رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ﴿٤٨

48Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”

قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَ فَلَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ أَجۡمَعِينَ﴿٤٩

49[Fir’awni] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti [waan ta’u] beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi Lukoowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”

قَالُواْ لَا ضَيۡرَۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ﴿٥٠

50Ni jedhan: “Rakkoon hin jiru! nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.

إِنَّا نَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَٰيَٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿٥١

51Nuti jalqaba mu'imintootaa ta’uudhaan Rabbiin keenya badiilee teenya nuuf araaramuu ni kajeella”.

۞ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِيٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ﴿٥٢

52Gara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun.

فَأَرۡسَلَ فِرۡعَوۡنُ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ﴿٥٣

53Fir’awni magaalota keessatti walitti qabdoota ergee.

إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَشِرۡذِمَةٞ قَلِيلُونَ﴿٥٤

54“Warri kun gareewwan xiqqoowaniidha.

وَإِنَّهُمۡ لَنَا لَغَآئِظُونَ﴿٥٥

55Isaan nuuf dallansiisoodha.

وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَٰذِرُونَ﴿٥٦

56Nuti hedduuwwan of eegdota” [jedhe].

فَأَخۡرَجۡنَٰهُم مِّن جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ﴿٥٧

57Ashaakiltiileefi burqaawwan irraa isaan baafne.

وَكُنُوزٖ وَمَقَامٖ كَرِيمٖ﴿٥٨

58Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.

كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ﴿٥٩

59Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.

فَأَتۡبَعُوهُم مُّشۡرِقِينَ﴿٦٠

60Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.

فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلۡجَمۡعَانِ قَالَ أَصۡحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدۡرَكُونَ﴿٦١

61Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.

قَالَ كَلَّآۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهۡدِينِ﴿٦٢

62[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni [furmaatatti] na qajeelcha.”

فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡبَحۡرَۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرۡقٖ كَٱلطَّوۡدِ ٱلۡعَظِيمِ﴿٦٣

63Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.

وَأَزۡلَفۡنَا ثَمَّ ٱلۡأٓخَرِينَ﴿٦٤

64Bakka sanatti warra biraa dhiheessine.

وَأَنجَيۡنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ﴿٦٥

65Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine.

ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ﴿٦٦

66Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsiifne.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿٦٧

67Kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿٦٨

68Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ إِبۡرَٰهِيمَ﴿٦٩

69Seenaa Ibraahim isaan irratti dubbisi.

إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا تَعۡبُدُونَ﴿٧٠

70Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.

قَالُواْ نَعۡبُدُ أَصۡنَامٗا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ﴿٧١

71“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.

قَالَ هَلۡ يَسۡمَعُونَكُمۡ إِذۡ تَدۡعُونَ﴿٧٢

72[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?

أَوۡ يَنفَعُونَكُمۡ أَوۡ يَضُرُّونَ﴿٧٣

73Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”

قَالُواْ بَلۡ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفۡعَلُونَ﴿٧٤

74[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.

قَالَ أَفَرَءَيۡتُم مَّا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ﴿٧٥

75[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?

أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلۡأَقۡدَمُونَ﴿٧٦

76Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?

فَإِنَّهُمۡ عَدُوّٞ لِّيٓ إِلَّا رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٧٧

77Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).

ٱلَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهۡدِينِ﴿٧٨

78[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”

وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ﴿٧٩

79Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

وَإِذَا مَرِضۡتُ فَهُوَ يَشۡفِينِ﴿٨٠

80Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.

وَٱلَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحۡيِينِ﴿٨١

81Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.

وَٱلَّذِيٓ أَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لِي خَطِيٓـَٔتِي يَوۡمَ ٱلدِّينِ﴿٨٢

82Isa guyyaa murtii badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.

رَبِّ هَبۡ لِي حُكۡمٗا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ﴿٨٣

83Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi.

وَٱجۡعَل لِّي لِسَانَ صِدۡقٖ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ﴿٨٤

84Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi.

وَٱجۡعَلۡنِي مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ﴿٨٥

85Dhaaltota Jannata qananii (dhaalan) irraas na taasisi.

وَٱغۡفِرۡ لِأَبِيٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ﴿٨٦

86Abbaa kiyyaaf araarami, inni jallattoota irraa ta’eera.

وَلَا تُخۡزِنِي يَوۡمَ يُبۡعَثُونَ﴿٨٧

87Guyyaa isaan (gabroonni) kaafaman na hin xinneessin.”

يَوۡمَ لَا يَنفَعُ مَالٞ وَلَا بَنُونَ﴿٨٨

88Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.

إِلَّا مَنۡ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلۡبٖ سَلِيمٖ﴿٨٩

89Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.

وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ﴿٩٠

90[Guyyaa] Jannanni warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte.

وَبُرِّزَتِ ٱلۡجَحِيمُ لِلۡغَاوِينَ﴿٩١

91[Guyyaa] Ibiddi jahannam jallattootaaf muldhifamte.

وَقِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ﴿٩٢

92[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame.

مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلۡ يَنصُرُونَكُمۡ أَوۡ يَنتَصِرُونَ﴿٩٣

93“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isiniif tumsuu? Yookiin ni tumsamuu?”

فَكُبۡكِبُواْ فِيهَا هُمۡ وَٱلۡغَاوُۥنَ﴿٩٤

94Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbamanii konkolaatan..

وَجُنُودُ إِبۡلِيسَ أَجۡمَعُونَ﴿٩٥

95Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).

قَالُواْ وَهُمۡ فِيهَا يَخۡتَصِمُونَ﴿٩٦

96Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:

تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ﴿٩٧

97Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.

إِذۡ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٩٨

98Yeroo Gooftaa aalamtootaatti isin qixxeessinu san.

وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلۡمُجۡرِمُونَ﴿٩٩

99Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne.

فَمَا لَنَا مِن شَٰفِعِينَ﴿١٠٠

100Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.

وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٖ﴿١٠١

101Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)

فَلَوۡ أَنَّ لَنَا كَرَّةٗ فَنَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١٠٢

102Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٠٣

103Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٠٤

104Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتۡ قَوۡمُ نُوحٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٠٥

105Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٠٦

106Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii.

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ﴿١٠٧

107Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٠٨

108Rabbiin sodaadhaa, naaf ajajamaa.

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٠٩

109Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١١٠

110Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.”

۞ قَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلۡأَرۡذَلُونَ﴿١١١

111[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.

قَالَ وَمَا عِلۡمِي بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴿١١٢

112[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?

إِنۡ حِسَابُهُمۡ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّيۖ لَوۡ تَشۡعُرُونَ﴿١١٣

113Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.

وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١١٤

114Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane

إِنۡ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٞ مُّبِينٞ﴿١١٥

115Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”

قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمَرۡجُومِينَ﴿١١٦

116[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”

قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوۡمِي كَذَّبُونِ﴿١١٧

117[Nuuh] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya ummanni koo na sobsiisaniiru.

فَٱفۡتَحۡ بَيۡنِي وَبَيۡنَهُمۡ فَتۡحٗا وَنَجِّنِي وَمَن مَّعِيَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١١٨

118Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessi, Anaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraari.”

فَأَنجَيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ﴿١١٩

119isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarre

ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا بَعۡدُ ٱلۡبَاقِينَ﴿١٢٠

120Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsiifne.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٢١

121Kana keessa mallattootu jira, Garuu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٢٢

122Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتۡ عَادٌ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٢٣

123Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٢٤

124Yeroo obboleessi isaanii Huud “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii? isaaniin jedhe.

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ﴿١٢٥

125Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٢٦

126Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٢٧

127Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

أَتَبۡنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةٗ تَعۡبَثُونَ﴿١٢٨

128Sila isin kan [nama tarutti] qishnitan taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?

وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمۡ تَخۡلُدُونَ﴿١٢٩

129Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?

وَإِذَا بَطَشۡتُم بَطَشۡتُمۡ جَبَّارِينَ﴿١٣٠

130Yeroo [namoota adabbiif] qabdan gara jabeeyyii taatanii qabdan.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٣١

131Rabbiin sodaadhaa naaf ajajamaa.

وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِيٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعۡلَمُونَ﴿١٣٢

132Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaase sodaadhaa.

أَمَدَّكُم بِأَنۡعَٰمٖ وَبَنِينَ﴿١٣٣

133Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.

وَجَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ﴿١٣٤

134Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].

إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ﴿١٣٥

135Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”

قَالُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡنَآ أَوَعَظۡتَ أَمۡ لَمۡ تَكُن مِّنَ ٱلۡوَٰعِظِينَ﴿١٣٦

136[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo gorsitoota irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa.

إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٣٧

137Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.

وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ﴿١٣٨

138Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].

فَكَذَّبُوهُ فَأَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٣٩

139Isa sobsiisan. Nutis isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٤٠

140Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتۡ ثَمُودُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٤١

141Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٤٢

142Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ﴿١٤٣

143Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٤٤

144Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa.

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٤٥

145Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

أَتُتۡرَكُونَ فِي مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ﴿١٤٦

146Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?

فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ﴿١٤٧

147Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,

وَزُرُوعٖ وَنَخۡلٖ طَلۡعُهَا هَضِيمٞ﴿١٤٨

148Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)

وَتَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتٗا فَٰرِهِينَ﴿١٤٩

149Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٥٠

150Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَلَا تُطِيعُوٓاْ أَمۡرَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ﴿١٥١

151Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.

ٱلَّذِينَ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ﴿١٥٢

152Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].

قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ﴿١٥٣

153[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا فَأۡتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ﴿١٥٤

154Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”

قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٞ لَّهَا شِرۡبٞ وَلَكُمۡ شِرۡبُ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ﴿١٥٥

155[Saalihis] ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.

وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٖ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَظِيمٖ﴿١٥٦

156Hamtuun ishee hin tuqinaa, [Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”

فَعَقَرُوهَا فَأَصۡبَحُواْ نَٰدِمِينَ﴿١٥٧

157Ishee waraananii sheena’oota ta’an

فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٥٨

158Adabbichis isaan qabate, Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٥٩

159Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٦٠

160Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٦١

161Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ﴿١٦٢

162Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٦٣

163Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٦٤

164Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

أَتَأۡتُونَ ٱلذُّكۡرَانَ مِنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٦٥

165Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?

وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّنۡ أَزۡوَٰجِكُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٌ عَادُونَ﴿١٦٦

166Waan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].

قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُخۡرَجِينَ﴿١٦٧

167[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”

قَالَ إِنِّي لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلۡقَالِينَ﴿١٦٨

168[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.

رَبِّ نَجِّنِي وَأَهۡلِي مِمَّا يَعۡمَلُونَ﴿١٦٩

169Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”

فَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ﴿١٧٠

170Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarre.

إِلَّا عَجُوزٗا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ﴿١٧١

171Dullattii warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee.

ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ﴿١٧٢

172Ergasii warra biroo ni balleessine.

وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِم مَّطَرٗاۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلۡمُنذَرِينَ﴿١٧٣

173Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsine, Roobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٧٤

174Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٧٥

175Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٧٦

176Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ شُعَيۡبٌ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٧٧

177Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ﴿١٧٨

178Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ﴿١٧٩

179Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.

وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٨٠

180Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

۞ أَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ وَلَا تَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُخۡسِرِينَ﴿١٨١

181Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.

وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِ﴿١٨٢

182Madaala sirrii ta’een madaalaa.

وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ﴿١٨٣

183Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa, badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.

وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ وَٱلۡجِبِلَّةَ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٨٤

184Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”

قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ﴿١٨٥

185[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ﴿١٨٦

186Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.

فَأَسۡقِطۡ عَلَيۡنَا كِسَفٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ﴿١٨٧

187Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].

قَالَ رَبِّيٓ أَعۡلَمُ بِمَا تَعۡمَلُونَ﴿١٨٨

188[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”

فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمۡ عَذَابُ يَوۡمِ ٱلظُّلَّةِۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٍ﴿١٨٩

189Isa sobsiisan, Adabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabate, Dhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ﴿١٩٠

190Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿١٩١

191Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٩٢

192Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati.

نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلۡأَمِينُ﴿١٩٣

193Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e.

عَلَىٰ قَلۡبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُنذِرِينَ﴿١٩٤

194onnee kee irratti [buuse] Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha.

بِلِسَانٍ عَرَبِيّٖ مُّبِينٖ﴿١٩٥

195Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.

وَإِنَّهُۥ لَفِي زُبُرِ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٩٦

196Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.

أَوَلَمۡ يَكُن لَّهُمۡ ءَايَةً أَن يَعۡلَمَهُۥ عُلَمَٰٓؤُاْ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ﴿١٩٧

197Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?

وَلَوۡ نَزَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ بَعۡضِ ٱلۡأَعۡجَمِينَ﴿١٩٨

198Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,

فَقَرَأَهُۥ عَلَيۡهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ مُؤۡمِنِينَ﴿١٩٩

199Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.

كَذَٰلِكَ سَلَكۡنَٰهُ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ﴿٢٠٠

200Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onneewwan badi raawwattootaa keessa seensifne.

لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ﴿٢٠١

201Hanga adabbii laalessaa arganitti isatti hin amananu.

فَيَأۡتِيَهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ﴿٢٠٢

202Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa.

فَيَقُولُواْ هَلۡ نَحۡنُ مُنظَرُونَ﴿٢٠٣

203[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamaa?” jedhu.

أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ﴿٢٠٤

204Sila adabbii keenya jarjarsiifatuu?

أَفَرَءَيۡتَ إِن مَّتَّعۡنَٰهُمۡ سِنِينَ﴿٢٠٥

205Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,

ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُواْ يُوعَدُونَ﴿٢٠٦

206Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,

مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يُمَتَّعُونَ﴿٢٠٧

207Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?

وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ﴿٢٠٨

208Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.

ذِكۡرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ﴿٢٠٩

209[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.

وَمَا تَنَزَّلَتۡ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ﴿٢١٠

210Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.

وَمَا يَنۢبَغِي لَهُمۡ وَمَا يَسۡتَطِيعُونَ﴿٢١١

211Isaaniifis hin malu, [Isa fiduu] hin danda’anus.

إِنَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّمۡعِ لَمَعۡزُولُونَ﴿٢١٢

212Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha.

فَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُعَذَّبِينَ﴿٢١٣

213Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin, [Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.

وَأَنذِرۡ عَشِيرَتَكَ ٱلۡأَقۡرَبِينَ﴿٢١٤

214Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.

وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿٢١٥

215Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.

فَإِنۡ عَصَوۡكَ فَقُلۡ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ﴿٢١٦

216Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.

وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ﴿٢١٧

217[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.

ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ﴿٢١٨

218Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu].

وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ﴿٢١٩

219[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu].

إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ﴿٢٢٠

220Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.

هَلۡ أُنَبِّئُكُمۡ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ﴿٢٢١

221Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?

تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ﴿٢٢٢

222Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti.

يُلۡقُونَ ٱلسَّمۡعَ وَأَكۡثَرُهُمۡ كَٰذِبُونَ﴿٢٢٣

223Wanta dhagahan [waa himtuu irratti] gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.

وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلۡغَاوُۥنَ﴿٢٢٤

224Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.

أَلَمۡ تَرَ أَنَّهُمۡ فِي كُلِّ وَادٖ يَهِيمُونَ﴿٢٢٥

225Isaan sulula (oduu) hunda keessa akka seenan hin agartuu?

وَأَنَّهُمۡ يَقُولُونَ مَا لَا يَفۡعَلُونَ﴿٢٢٦

226Isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?

إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرٗا وَٱنتَصَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا ظُلِمُواْۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٖ يَنقَلِبُونَ﴿٢٢٧

227Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee [Isaan hin komatanu]. Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.

RELATED SURAHS